Chaayinaan Ameerikaa dhimmaa gidduugaluu Hoong Koong akka dhabduu akeekachiifte
Finfinnee, sadaasa 10, 2012 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa ibsa baaseen Ameerikan dhimma bulchiinsa addaa Hoong Koong irrattii gidduugaluu akka dhabduu akeekachifte.
Wajjiira Ministera Dhiimma Alaa Chaayinaatti dubbi himaan kan ta’an Gaang Shuwaang akka jedhanitti Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayk Poompeyyoon mormii bulchiinsa addaa Hoong Koong hammachaa dhufeef itti gafatamuumma fudhachu kan qabu bulchiinsa magaalaa Hoong Koong erga jedhanii booddeedha.
Gaang Shuwaang yeroodha garaa yerootti dabalaa kan dhufee mormii kun nageenya lammiileef rakkoorra kan buusuuf, olaantuumma seeraa kan diigu, biyya tokko sirnoota lama kan qoruu fi Hoong Koong rakkoo cimaa keessaa kan buusudha jedhan.
Rakkoo kana hambisuuf mormii uumame tasgabbeessu, halaa nageenya bakka duraan turetti deebisuu, mootummaan giddugaleessaa, hojii raawwachisaa olaanaan bulchiinsa Hoong Koong, kantiibaan magalichaa, qaamoolee poolisii fi haqaa bira dhabachuun akka qabamu eeraniiru.
Maddii:-CGTN