Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan hoogganaa oolanaa Alshabaab ajjeefte

0 210

Finfinnee,Sadaasa 10,2012 (FBC) – Ameerikaan haalellaa xiyyaara humna qilleensaa nama-malee taasifteen hoogganaa olaanaan Alshabaab ajjeefamu aanga’oonni basaasa Soomaliyaa himan.

Yeroof maqaa isaa ibsuu kan hin barbaanne aanga’aan  mana hojii basaasichaa tokko hoogganichi kan ajjeeffame garee shororkeessaa waliin ta’uun haleellaa raawwachuuf qophii taasisaa osoo jiruu akka ta’e ibseera.

Manni hojii loltummaa Yuunaaytid Steetis dhimmicha ilaalchisee ibsa baaseen haleellichi raawwatamuu mirkaneessera.

Namni kun hoogganaa olaanaa Alshabaab yoo ta’u Alqaaydaa waliin walitti dhufeenya kallattii akka qabu ibsameera.

Gochicha kan raawwatan mootummaa Soomaliyaa waliin ta’uu akka ta’e Ameeriikaan ibsiteerti.

Naannichatti Alshabaab yaaddessaa ta’uu gabaasni ogeeyyii Dhaabbata mootummoota gamtoomanii baatii darbe keessa baase ifoomuun isaa ni yaadatama.

Maddii:-BBC

Comments
Loading...