Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Alangaa waliigalaa Keeniyaa duraanii Amoos Waaqoo Ameerikaa akka hin galle dhorkaman

0 210

Finfinnee, Sadaasa 10, 2012 (FBC) – Obbo Waaqoo fi maatiin isaa guutummaatti Ameerikaa akka hin galleef kan dhorkaman, malaammaltummaa guddaa Keeniyaa keessatti rawwachuun jedhaniru.

Murtoon kun Ameerikaan malaammaltummaa irratti qabsaa’uu irratti hammam michuu Keeniyaa akka taate agarsiisa jedha ibsi Wajjirri Mootummaa Ameerikaa.

Bara faranjoota 2009 Ameerikaan dhorkaa imalaa kan irratti dabarsitee turte yoo tahu kunis warraaqsi dimokiraasii Keeniyaa keessatti akka hin dagaagne godheera jechuun ture.

Manguddoon waggaa 73 kun bara  faranjoota 1991-2011tti abbaa alangaa waliigalaa tahuun kan tajaajilaa turan yoo tahu, ammas senatera tahuun hojjechaa jiru.

Dabalataan miseensa koree namoota 14 of keessaa qabuu fi rakkoo siyaasa biyyaa hiikuu ‘Building Bridges Initiative’ jedhamuu tahuun hojjechaa jiru.

Koricha kan walitti qabu ammo Uhuuruu Keeniyaataa fi Raayilaa Odiingaadha.

Maddii:-BBC

Comments
Loading...