Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa gaaffii Ummanni Oromoo qabu bu’uura irraa kan deebisu akka ta’e himame

0 679

Finfinnee, Sadaasa 9, 2012 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa gaaffii Ummanni Oromoo qabu bu’uura irraa kan deebisu akka ta’e Muummeen Ministira Ityoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad dubbatan.

Walitti makamuu Paartilee ADWUI tiin, waa’ee Paartii haaraa hunda’e ilaalchisee, Dooktar Abiy Ahimad fuula feesbuukii isaanii irratti odeeffannoo laataniiru.

Dooktar Abiy haaluma kanaan gaaffiin Oromoo ammas kan deebi’e akkuma jiru, fuuldurattis paartiin Badhaadhinaa gaaffii Oromoo deebisuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjeta jedhan.

Keessumaayyuu gaaffii diinagdee ummanni Oromoo qabu deebisuuf, Oromoo fi miseensonni, milkaa’ina Paartii Badhaadhinaaf, tumsa gochuu akka qaban Dooktar Abiy waamicha dhiyeessaniiru.

Guyyoota sadiif paartiin isaanii mariirra kan ture yoo ta’u, murtoowwan gurguddoos dabarsee jira jedhan.

Bu’uuruma kanaan Afaan Oromoo Afaan hojii Paartichaa fi Mootummaa akka ta’u sagalee guutudhaan murteessee jira.
Kanamalees paartii keessattis ta’ee, kan mootummaa keessatti hunduu akkaataa baayyina ummata isaatiin akka hirmaachuu qabus murteessera jedhan.

Kun immoo dimokiraasii dhugaa hojiirra oolchuuf gahee guddaa qaba jedhan.

Ministirri Muummeen Ministira Ityoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad kanaaf gaaffii bara dheeraa ummanni Oromoo qabu tartiibaan deebisuuf hojjetaa kan jirru waan ta’eef, ummanni Oromoo tokkummaa fi nageenya isaa eeggachuun nu cinaa dhaabbatee injifannoo amma argame akka ceesisnuuf waamichan dhiyeessa jedhaniiru

Comments
Loading...