Fana: At a Speed of Life!

Kaaba Maaliitti haleellaa hidhattoonni  raawwataniin loltoonni 24 ajjeefaman

0 268

Finfinnee,Sadaasa 8, 2012 (FBC) – Kaaba Maaliitti haleellaa hidhattoonni  raawwataniin loltoonni 24 ajjeefamuu Humni Waraanaa biyyattii beeksise.

Haleellaa maaliin loltoonnii 49 yoo du’aan fi lubbuun lammiile hedduu darbuu fi miiliyoonaan kan lakkaa’aman ammoo rakkoo midhaan nyaataaf saaxilamaniiru.

Humni waraana Maalii akka jedhutti waraana banameen shororkeessitoonni 17  daangaa Niijeeri ajjeefamuun kanneen shakkaman 100 too’anna jala olaaniru.

haaluuma wal fakkatuun  tibbaa darbe haleellaa biyyattii mudateen loltoonni 54 ajjeefamuun ni yadaatama.

Humnoonni nageenyaa biyyattiis garee IS ofiin jedhu kan al-Qaa’idaadhaan hidhata qabu waliin wal waraanaa yoona ga’eera.

Akka ragaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Amajjii darberraa eegalee Maalii fi Burkina Faasoo keessatti namoonni nagaan 1,500 ajjeefamaniiru jedha.

Maaliin   waggoota 10 darbee keessatti gochaa suukanneessaa kan ishee mudatee fi  erga bara faraanjoota 2012 irraa kasee hookkara keessa jirti.

Maddi:-BBC

Comments
Loading...