Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Fandii Misooma Qonna Idila addunyaa gedduutti Liqiin doolaarri Miiliyoonni 90 mallattaa’e

0 158

Finfinnee, Sadaasa 9, 2012 (FBC)- Mootummaa Ityoophiyaa fi Fandii Misooma Qonna Idila addunyaa gedduutti walii galteen Liqii doolaara Miiliyoona 90 mallattaa’e.

Walii galteen kun Roomitti  ergamaa dhaabbii fi aanga’aa guutuu FDRI Ambaasaaddar Zannabuu Taaddasaa fi preezdaantii Fandii Misooma Qonna Idila addunyaa Giilbart Hungiboo gidduuttu har’a waliin mallatta’e.

Liqiin kun proojektii jireenyaa naannoo gammoojjii fooyyeesuuf kan oolu akka ta’e ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Xaaliyaanii argame ni muul’isa.

Biyyattiitti naannoo faalama qilleensan miidhaman deeggaruuf qorannoo dhiyaate hojiitti hiikuuf kan kaayyeeffate akka ta’es himameera.

Comments
Loading...