Fana: At a Speed of Life!

Haala Fayyaa Afrikaa fooyyeessuuf Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Fayyaa Idila Addunyaa waliin hojjechuuf walii galan

0 153

Finfinnee, Sadaasa 9, 2012 (FBC) – Dhaabbanni fayyaa Idila addunyaa fi Gamtaan Afrikaa uwwisa fayyaa ardichaa gama hundaan guddisuuf walii galuu isaanii ibsame.

Misooma Invastimantii damee fayyaa guddisuuf biyyoota  Miseensa Gamtaa Afrikaa gidduutti walii galteen yeroo dhiyoo kan raawwatame ta’uu himameera.

Sirna mallattoo addaa kana irratti hooggantoonni Dhaabbata fayyaa idila addunyaa fi Komishiniin Gamtaa Afrikaa uwwisa fayyaa Afrikaanootaa guddisuuf murannoo qaban muul’isaniiru.

Dhaabbata fayyaa idila addunyaatti daayreekteerri olaanaan Dooktar Teewodiroos Adihaanoom walii galteen Gamtaa Afrikaa waliin taasiisan nageenyummaa Afrikaanootaa eeguuf  dhimmoota ijoo sadi irratti kan xiyyeeffatee akka ta’e dubbataniiru.

Innis qophii ittisa balaa, dhiyyeesii qorachaa fi walii galtee uwwisa fayyaa idila addunyaa raawwachuu fa’i jedhan.

Dura taa’ana komishinii gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Maahaamaatis  walii galtee taasiifameef galateeffachuun, walii galtichi ardichatti damee uwwisa fayyaa qabatamaan lafa qabsiisuuf socho’uu akka qabu dhaamaniiru.

 

Maddi:-TOI

Comments
Loading...