Fana: At a Speed of Life!

Bosonni guddaan sonba Addunyaa kana ta’e Amaazoon manca’aa jira jedhame

0 134

Finfinnee, Sadaasa 8, 2012 (FBC) – Bosonni guddaa addunyaa kan ta’e Amaazoon manca’aa akka jiru mootummaan Biraazil ibsee.

Akka baraa faarnjoota 2008 irraa eegalee %29.5 mancaa’uu isaa Inistitiyuutiin qorannoo hawaa biyyaalessaa ifoomsera.

Keessumaa mancaatiin bosonaa kana daran hammaachaa dhufe, wayita bulchiinsa preezdaantii biyyattii Jaa’iir Boolsonaro bosona Amaazoon baraaruuf, xiyyeeffannoon isaanii laafadha ta’uu fi walgahii biyyoota garee 20 Firaansitti taa’ame irratti mancaatii Bosona Amaazoon ambisuuf, maallaqa dhaabbilee deeggartootaa irraa argame doolaara Ameerikaa miiliyoona 20 fudhachuu diduun isaanii hedduu akka qeeqaman godheera.

Kanamalees akka sababaatti kan eeramu preezdaantiichi ministeera eegumsa naannoo balleessuun isaaniis hojichaaf xiyyeeffaannaa akka hin kennine agarsiisa jedhame.

Bosonni Amaazoon lafa km² miiliyoona 5.5 uwwisa jedhame.

Maddi:-CNN

Comments
Loading...