Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin koree raawwachiiftuu ADWUI sagantaa wixinee walitti maquu paartii irratti mari’achuun mana mariif addichaaf qajeelche

0 419
Finfinnee, Sadaasa 8,2012(FBC) – Walga’iin koree raawwachiiftuu ADWUI sagantaa wixinee walitti maquu paartii irratti mari’achuun mana mariif addichaaf qajeelche.
 
Koreen Hojii Raawwachiiftuu ADWUI walga’ii gaggeesseen sagantaa walitti makamuu paartii fi qabiyyee isaa irratti maricha’achuun mana marii addichaaf akka dhiyaatu walii galamuu isaa miseensi koree hojii raawwachiiftuu ADWUI obbo Fiqaaduu Tasammaa himaniiru.
 
Obbo Fiqaaduun korichi haala makamuu paartiichaa ilaachisee wixinee seeraa fi dambii isaa irratti kan mari’ate ta’uu ibsaniiru.
 
Akkaatuma dura taa’aan ADWUI muummeen minsitiraa Dooktar Abiy haala makamuu paartii irratti ergaa dabarsaniin kallatti gurguddoo sagantichaa irratti mari’atamuu obbo Fiqaaduun himaniiru
 
Sagantaa paaritichaa irratti marii taasiisuun ragga’uu isaa ibsuun, paartiin haaraan kun sirna feedeeraaliizimmii fi demookiraasii caalmaatti kan cimsuudha jedhaniiruu.
 
Sirna diinagdee sab – daneessaa uumun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf toofta diinagdeen biyyatti itti fufinsaan guddaaturratti mari’ateera jedhan.
Comments
Loading...