Fana: At a Speed of Life!

Weerara lafaa seeraan alaa ittisuuf xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu akka qabu ibsame

0 115

Finfinnee, Sadaasa 4, 2012 (FBC) – Weerara lafaa seeraan alaa ittisuuf ajandaan biyyoolessaa qophaa’ee xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu akka qabu ibsame.

Mana maree bakka buutota ummataatti koreen misooma magaalaa fi dhimmoota dhaabbii geejjibaa fi konstiraakshinii gabaasaa karooraa bara baajata 2012 fi raawwii kurmaana jalqabaa Ministeera Konstiraakshinii fi Misoomaa magaalaa gamaaggamaniiru.

Ministirin Ministeera Konstiraakshinii fi Misoomaa magaalaa aadde Ayshaa Mahaammad weerara lafaa seeraan alaa magaaloota ittisuu fi abbaa qabiyyee lafaa mirkaneessuu, lammiileef carraa hojii uumuu fi adeemsa ijaarsa manneen magaalaa irratti xiyyeeffannoon kenname hojjetamaa jiraachu himaniiru.

Miseensoonni koree dhaabbi weerara lafaa seeraan alaa, carraa hojii uumuu fi ijaarsa manneenni irratti hir’inni guddaan akka jiru dubbataniiru.

Ministirin Ministeera Konstiraakshinii fi Misoomaa magaalaa aadde Ayshaa Mahaammad kurmaana lammaffaatti carraa hojii hedduu uumuuf karoorri qabamuus ibsaniiru.

Miseensoonni koree dhaabbi gama isaaniitiin weerarri lafaa seeraan alaa miidhaa cimaa fidaa waan jiruuf xiyyeeffannoon itti kennamee akka hojjetamu himaniiru.

Comments
Loading...