Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Gulaallii Waancaa Afrikaa bara Faranjoota 2021 har’aa eegalee ni taphatama

0 135

Finfinnee, Sadaasa 4, 2012 (FBC) – Taphoonni Gulaallii Waancaa Afrikaa bara Faranjoota 2021 har’aa eegalee ni taphatama.

Taphni waancaa Afrikaa bara Faranjoota 2021 qopheessummaa Kaameeruuniin kan gaggeeffamu yoo ta’u taphoonni kubbaa miilaa kun ramaddii gulaallii isaa har’aa eegaleen ni gaggeeffama.

Haaluma kanaan Gaanaan Afrikaa Kibbaa waliin ,Maaliin Giinii, Diimookiraatiik Koongoon Gaaboon, Toogoon Koomooroos, Gibtsi Keeniyaa, Moozaambik Ruwaandaa waliin yoo taphatan,Aljeeriyaan Zaambiyaa waliin morkatti.

Comments
Loading...