Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gootaraatti manni jireenyaa hammaan guddaa fi ammayyaa ta’e ijaarramuuf

0 153

Finfinnee, Sadaasa 4,2012 (FBC) – Manni jireenyaa hammaan guddaa fi ammayyaan naannoo gootaraatti ijaarramuuf akka ta’e ibsamee jira.

Manni jireenyaa kun isa laga haariitti ijaarramuutti aanee naannoo mana jireenyaa lammaffaadha.

Ijaarsi isaas Bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi dhaabbanni Chaayinaa ‘CCCC’ Jedhamu waliin ta’uun raawwatu jedhameera.

Ijaarsi qa’ee mana jireenyaa kun naannoo gootaraa iddoo warshaa Sinmintoo Mogor dabalatee lafa heektaara 27 irratti gaggeeffama jedhame.

Kaantibaa itti aanaan bulchiinsa magaalaa finfinnee Injiner Takkaalaa Uumaa haala qophii lafa kanaa daawwataniiru.

Qa’een naannoo mana jireenyaa guddaan laga haariis dhaabbata Dubaay Kaampoonii waliin ta’uun ijaarsi isaa eegalamee jira.

Injiner Taakkalaa sadarkaa ijaarsa isaas daawwataniiru.

Ijaarsi mana jireenyaa Gootaraas yeroo dhiyootti ni eegalama jedhameera.

Comments
Loading...