Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Feedeereshinii haala yeroo irratti abbootii amantaa waliin mar’ate

0 161

Finfinnee, Sadaasa 4.2012 (FBC) – Manni Maree Feedeereshinii haala yeroo irratti abbootii amantaa waliin marii gaggeesse jira.

Maricha irratti nageenyi bu’ura waa hundaa waan ta’eef mootummaan nagaa buusuuf dirqama isaa bahuu akka qabu abbootiin amantaa gaafataniiru.

Aalseerummaa iddoo garaa garaatti muul’atu qolachuuf tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu kaasuun abbootiin amantaa kunneen, keessattu qaama amantaa dawoo godhachuun walitti bu’iinsa sabaa uumuuf socho’an dura dhaabbachuun dirqama ta’uu qaba jedhan.

Af Yaa’iin Mana Mare Feedeereeshinii aadde Keeriiyaa Ibrahiim gama isaaniin manni marichaa sadaasa 6, 2012 eegalee waltajjii waloo walitti dhufeenya ummataa cimsu ji’a guutuu gaggeessuu kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Akka Waaltaan gabaaseetti abbootiin amantaas hordoftoota amantaa isaaniif carraa argan hundatti fayyadamuun barbaachisummaa nageenyaa lallabuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Comments
Loading...