Fana: At a Speed of Life!

Jilli abbootii qabeenyaa Ameerikaa magaalaa Aarbaa Minci galan

0 91

Finfinnee, Sadaasa 4, 2012 (FBC) – Jilli abbootii qabeenyaa Ameerikaa “Smaart Viileej” jedhamu magaalaa Aarbaa Minci galaniiru.

Jilichi si’a buufata Xiyyaaraa Aarbaa Minchi ga’anitti Hogganaan Bulchiinsa Godina Gaamoo obbo Biraanuu Zawdee, Kantiibaa magaalaa Aarbaa Minci obbo Sabsibee Bunaabee, hoggantootni olaanoo fi jaarsooliin biyyaa simannaa taasisaaniiru.

Hogganaan Qunnamtii Ummataa Godina Gaamoo obbo Asaggid Tarrafaa TOI’f akka ibsanitti jilichi guyyaa lamaaf magaalicha ni daawwata jedhaniiru.

Ameerikaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa jilicha waliin gara magaalaa Aarbaa Minci galaniiru.

Comments
Loading...