Fana: At a Speed of Life!

FIFA’n leenjisaa duraanii Arsenaal aangoo olaanaatti muude

0 216

Finfinnee, Sadaasa 4, 2012 (FBC) – Leenjisaan duraanii Arsenaal Arsen Wenger gara kubbaa miilaatti deebi’uun FIFA’tti hogganaa misooma kubbaa miilaa addunyaa ta’uun muudaman.

Muudama kana dura, namni lammii Fireenchi ganna 70 Arsen Wenger, leenjisaa Bayer Muunik ta’u jedhamee odeeffamaa ture.

Wenger Caamsaa bara Faranjoota 2018 ture Arsenaal kan gadi dhiisan.

Kilabicha waggoota 22’f leenjisanii waancaa Pirimiyar Liigii Ingilaand 3 fi ‘FA Cup’ 7 injifataniiru.

“Qormaata baay’ee barbaachisaa ta’e batti kenname kana galmaan gahuuf abdiin qaba” jedhan.

Muudamni FIFA’n kenneef kun kubbaan miilaa dhiirotaa fi dubartotaa akka dagaagu gargaara. Dhimmoota teeknikaa gosa ispoortii kanaarrattis ni hojjetu.

Amma booda miseensa paanalii teeknikaa, Boordii Waldaa Kubbaa Miilaa Idil-addunyaa akkasumas dura taa’aa garee qorannoo teeknikaa FIFA ta’uun hojjetu.

Maddi:- BBC

 

Comments
Loading...