Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa Ityoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu beeksise

0 162

Finfinnee, Sadaasa 4, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa Ityoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu beeksise.

Ministiri Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Dooktar Maarqos Taklee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daayreektera Dipaartimeentii Dhimmoota Siyaasaa kan ta’an Giraaham Maaytilaandiin biiroo isaanitti simachuun mari’ataniiru.

Dooktar Maarqos deeggarsa Dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii biyya keenyaaf taasisaa jiran galatteeffataniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daayreektera Dipartimeenti Dhimmoota Siyaasaa Giraaham Maaytilaandiin gama isaaniitiin jijjiirama Ityoophiyaa mul’isaa jirtu dinqisiifachuun, deeggarsa barbaachisuu taasisuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Comments
Loading...