Fana: At a Speed of Life!

Jaaniin Aneezh Preezdaantii Booliiviyaa yeroo ta’uuf of muudde

0 185

Finfinnee , Sadaasa 3, 2102 (FBC) – Preezdaantiin Booliiviyaa duraanii sababa mormiin aangoo waan gadi lakkisaniif Jaaniin Aneezh Preezdaantii Booliiviyaa yeroo ta’uuf of muudde.

Miseensooni Paartii Ivaa Mooraales yaa’ii gaggeeffamu irratti hirmaachuu akka hindandeenye ibsuu isaaniin, muudaman kanaaf itti gafatamummaa kan hin fudhannee ta’uu ibsaniiru.

Preezdaantiin yeroo Jaaniin Aneezh gama isaaniin  mudamichi seeraa qabeessa ta’uu eeruun, yeroo dhiyootti filannoo akka taasiisan dubbataniru.

Sababa mormiin aangoo gad dhiisuun Meeksiikootti hirkattummaan kan ragaman Mooraales muuddamni yeroo Preezdaantitti fudhamata kan hinqabne jedhuun morman.

Adeemsi kun yaalii fonqochaa mootummaa taasiifame waliin kan walqabatuudha jedhan paartiin Mooraales.

Preezdantiin duraanii Booliiviyaa fedhiin isaniin aangoo gadi lakkisuu isaaniin Jaaniin Aneezh biyyatti bulchuuf akka yaadaan dubbatan.

maddi :- BBC

Comments
Loading...