Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Paakkeejjii Bu’ura Tajaajila Fayyaa Ityoophiyaa marsaa 2ffaan Ifoome

0 107

Finfinnee, Sadaasa 2, 2012 (FBC) – Ministirri Fayyaa Sagantaa Paakkeejjii Bu’ura Tajaajila Fayyaa Ityoophiyaa marsaa 2ffaa har’a Ifoomse.

Paakkeejjiin bu’ura fayyaa kun uwwisa fayyaa biyyaattii babal’isuu fi fayyaa lammiilee sadarkaa olaanaan fooyyeessuuf qooda guddaa akka qabu Ministirrin Fayyaa Dooktar Amiir Amaan beeksisaniiru.

Lammiileen gatii gad aanaan tajaajila fayyaa qulqullinaa qabuu fi haqa qabeessa ta’e akka argataniif ni gargaara jedhameera.

Paakkeejjiin kun sagantaa qorannoo ekisteenshinii fi kutaalee sagantaa garaa garaa waliin ta’uun karoora damee fayyaa Guddinaa fi traanisfoormeeshinaa 2ffaa ji’oottan jahan dhufan keessatti qophaa’uuf galtee ta’a jedhaniiru.

Sagantaan Paakkeejjii Bu’ura Tajaajila Fayyaa haaraan kun hanga bara Farnjootaa 2030 kan turu jedhameera.

Paakkeejjiin Fayyaa xummurames gama fayyaa lammiilee fooyyeessuu keessatti shoora guddaa kan bahe ture jdhan ministeerichi.

Ityoophiyaan galmoota misoomaa itti fufiinsaan mirkaaneessuuf biyyoota walii galtee mallatteessan keessa ishee tokko ta’uun ni yaadatama.

Comments
Loading...