Fana: At a Speed of Life!

Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee kantiibaa Waashiingitan Diisii waliin mari’atan

0 88

Finfinnee, Sadaasa 2, 2012 (FBC) – Preezdaantin FDRI Saahilawarqi Zawdee Kantiibaa magaalaa Waashiingitan Diisii Muuriyal Boowsar waliin mari’atan.

Marichaanis hariiroo Ityoophiyaa fi Ameerikaa dhimmoota cimsuu danda’u irratti mari’ataniiru.

Kantiibaan magaalaa Waashiingitan Diisii Muuriyal Boowsar waliin hawaasti daldalaa 50 caalu Finfinnee galuun isaanii ni yaadatama.

Muuriyal Boowsar daawwiif Finfinnee kan dhufan, itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman wayita Waashiingitan daawwatanitti affeerraa taasisaniifini.

Magaalaan Finfinnee fi Waashingtaan dhimmoota garaagaraa irratti waliin hojjechuuf waliigaltee walii mallatteessaniiru.

 

Comments
Loading...