Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Barnootaa dorgommii saayinsii fi hojii kalaqaa manneen barnootaa gaggeessee ture

0 145

Finfinnee, Sadaasa 2, 2012 (FBC) – Ministeerri Barnootaa dorgommii saayinsii fi hojii kalaqaa manneen barnootaa gaggeessee ture.

Dorgommii gaggeeffame kanarratti naannoleen hundi kan hirmaatan yoo ta’u barattootni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa , sad. 2ffaa fi Qophaa’inaa hirmaataniiru.

Dorgommii gaggeeffame kanarratti naannoon Oromiyaa manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaan mo’atee 1ffaa yoo ta’u mana barumsaa Qophaa’inaan sadarkaa 3ffaan mo’ateera.

Mana barumsaa sadarkaa 1ffaa irraa Barataa saafii Adam konkolaataa sochootuu fi deemtu hojjechuun kan mo’ate

Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa irraa barataa Firaa’ol Zaawdee Baajaajii hojjechuun kan hojjetee fi

Mana barumsaa Qophaa’inaa irraa barataa Takkaalenyi Gannanaa Sooftweerii develop kan godhe ta’uu isaaniitiin akka biyyaatti kan mo’atan ta’uu ragaan Biiroo Barnoota oromiyaa irraa arganne ni mul’isa.

Comments
Loading...