Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan kibbaa Lammiilee Ityoophiyaa Kooriyaaf duulaniif mana jireenyaa kennite

0 1,926

Finfinnee, Sadaasa 2, 2012 (FBC) – Mootuumman Kooriyaa Kibbaa looltoota Ityoophiya kooriiyaf duulaanif mana jireenya ijaaraa turte gamoo abba darbii lama kennite.

Manni jireenya kun deggeersa garee Loteeniin kan ijaarrame ta’uu Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyattii beeksise.

Gamoon kun loltoota Ityoophiyaa waraanaa Kooriyaa bara Faranjoota 1950 hanga 53 adeemsiifame irratti duulaniif qofa kan tajaajiluudha jedhameera.

Lola Kooriiyaatti taasiifameef biyyoota Afrikaa keessaa  Kooriyaa kibbaaf deeggarsa loltootaa kan goote Ityoophiyaan qofa turte.

Waraana gaggeeffame keessattis loltoonni lammii Ityoophiyaa 120 lubbuu isaanii wareegamaniiru.

Loltoota Ityoophiyaa kuma 3 fi 500 waraanicha irratti hirmaatan keessaa yeroo ammaa namoonni 150 lubbuun kan jiran ta’uu himameera.

Comments
Loading...