Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan damee Tuuriizimii irratti Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii akka qabdu ibsite

0 93

Finfinnee, Sadaasa 2, 2012 (FBC) – Keeniyaan damee Tuuriizimii irratti Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii akka qabdu Ministirri Tuuriizimi Keeniyaa Naajiib Baalaalaa ibsaniiru.

Keeniyaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaadar Mallas Alam Ministirri Tuuriizimi Keeniyaa Naajiib Baalaalaa waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaa fi Keeniyaa damee tuurizimii irratti hariiroo cimaa uumuun waliin hojjechuu akka qaban Ministirri Tuuriizimi Keeniyaa Naajiib Baalaalaa himaniiru.

Keeniyaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaadar Mallas Alam gama isaanitiin Ityoophiyaan bakkee tuuriziimii hedduu qabachuushe kaasaniiru.

Naajiib Baalaalaa fuulduratti jilli boordii tuurizimii Keeniyaan durfamu gara Ityoophiyaa akka imaluu fi dawwaanna akka taasisuu himaniiru.

Comments
Loading...