Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa Keemikaalaa Oolmaa Daa’immaanii Chaayinaatti raawwateen daa’imman 51 madaa’uu himame

0 267

Finfinnee, Sadaasa 2, 2012(FBC) – Kibba Baha Chaayinaatti haleellaa keemikaalaa Oolmaa Daa’immaanii irratti raawwateen daa’imman 51 fi Barsiisoonni 3 madaa’uu ibsame.

Haleellaa dargaggoon  umuriin isaa 23 ta’e tokko keemikaala soodiyeem haydirooksaadii Oolmaa Daa’immanni magaalaa  Kaa’uunitti  raawwateen daa’imman kutaa keessa turan miidhamuu miidiyaan mootummaa biyyaatti ifoomeera.

Balaa kanaanis daa’imman lama miidhaa cimaaf saaxilamuun yaallamaa jiraachuu ibsameera.

Akka poolisiin naannichaa ibsetti qaamni dhuunfaan kun gochaa haloo bahuu hawaasa nagaa irratti raawwate jedhame.

 

Maddi:- CNN

Comments
Loading...