Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Siiskoo Ityoophiyaatti Misooma Investimantiirratti boba’uuf fedhii qabaachuu ibse

0 64

Finfinnee, Sadaasa 2, 2012(FBC) – Dhaabbaanni idila addunayaa Siiskoon Ityoophiyaatti misooma Investimantii irratti boba’uuf fedhii olaanaa qabachuu beeksise.

Preezdaantiin FDRI Saahila warqi Zawudee jila hooggantioota olaanoo Siiskoon durfamu waliin mari’atan.

Marii kanairratti dhaabbanni Siiskoo damee teeknooloojii irratti bobba’ee argamu Ityoophiyaatti Misooma Investimantii irratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu isaa himameera.

Ameeriikaa Kaaliifoorniyaatti kan argamu dhaabbanni Siiskoo Meeshaalee Neetwarkii, Teeleekoomiiniikeeshii fi kanneen biroof tajaajilan oomishuun dhaabbata gabaaf dhiyyeessuudha.

Bifuma walfaakkatuun Preezdaantiin FDRI Saahila warqi Zawudee jila hojii raawwachiisaa Faawundeeshinii Maaster Kaardi Kaanaadaatti argamu Reettaa Rooyiin durfamu waliin mari’ataniiru.

Faawundeeshiniin Maasteer Kaardi waggoottan kurnan dhufan keessatti namoota miiliyoona 10 ta’aniif carraa hojii uumuuf karoora qabamee deeggaruuf kan hojjetu ta’uu ibsameera.

Dhaabbanni kun tibba darbe carraa hojii uumuuf kan oolu Doolaara Ameerikaa miiliyoona 300 deeggarsa laatuun isaa ni yaadatama.

Comments
Loading...