Fana: At a Speed of Life!

Baatii Onkololeessa Birriin biiliyoona 32.6 walitti qabame

0 138

Finfinnee, Sadaasa 2, 2012 (FBC) – Ministeerri Galiiwwaannii baatii Onkololeessa Birriin biiliyoona 32.6 walitti qabuu beeksiseera.

Ministeerichi Birrii biiliyoona 33.4 walitti qabuuf karoorfate Birrii biiliyoona 32.6 walitti qabuun, karoora isaa %97.6 galmaan ga’uu ibseera

Rawwiin kun kana bara darbee waliin walbira qabamee yoo ilaalamu Birrii biiliyoona 8.3 caalma agarsiiseera.

ministeerichi milkaa’ina kanaaf gatii kan baasaan kaffaltoota gibiraa fi hojjetootaa ministeerri galiiwwaani galateeffateera.

Baatiiwwaan hafan guddinnni galii akka duubaatti hin deebineef kanaa olitti hojjetamuu akka qabu Ministeerrii Galiiwwanii beeksiseera.

Ministeerichi nageenyaa biyya keenyaa eeguuf ga’ee keenya haaba’anu jechaa nageenyi, guddinni, baadhaadhummaa fi tokkuummaan biyyaa keenyaaf haa ta’u jedheera.

Comments
Loading...