Fana: At a Speed of Life!

Baangilaadeeshitti balaa baabuuraa qaqqabeen lubbuun namoota 15 darbe

0 322

Finfinnee, Sadaasa 2, 2012 (FBC) – Baangilaadeeshitti balaa baabuuraa qaqqabeen lubbuun namoota 15 darbu isaa poolisiin biyyaattii beeksise.

Balaan kun kan uummame baabuurri  lama imala irra osoo jiranu daandiirraa maquun wallitti bu’aniiti jedhame.

Balichis kan uummamee bulchiinsa Braahimaanbaariiyaatti yoo ta’u, namoota du’aniin ala namoota 50 irra miidhaa salphaa geessiiseera.

Itti gaafatmaan pooliisii nannichaa Mahaammad Aniisuur Raahimaan dhimmicha ilaalchisee ibsa laataaniin, balaa uummameen namoota miidhaaman baraaruuf hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Balaan kanaan hammi namoota du’anii dabaaluu akka danda’uu fi koreen dhaabbate ka’umsa balichaa qorachaa jira jedhaniiru.

Preezadanti Abduul Haamiidnaa fi muummee Ministeera biyyattii Sheek Haasiinaa miidhaa qaqqabeef gaddi itti dhaga’amuu ibsuun,  matii miidhamtootaaf jajjaabina hawwaniiru.

Maddi: Anaadoolu

Comments
Loading...