Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Booliviiyaa aangoo gadi lakkisan

0 300

Finfinnee, Sadaasa 1, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Booliviiya Evoo Mooraales mormii biyyatitti hammaataa dhufe sababeeffchuun aangoo gadii lakkisuu isaanii himan.

Waggoota 14’f Booliviiya bulchaa kan turan Evoo Mooraales dhiyeenya kana biyyatittii filannoo Preezdaantummaa gaggeeffameen moota’aniis aangoo isaanii akka gadi lakkisan dhiibbamaa turaniiru.

Mormitoonni biyyatti Mooraales filannoo gaggeeffame waliin dhahuun moo’atan malee filannoo bilisaan hin moo’anne yaada jedhu dhiyyeessaa jiru.

Kanaaf ammoo ragaan adeemsi sagalee lakkaa’uu sa’aatii 24’f adda cituu isaatii jedhu.

Mooraales gama isaaniitiin filannoon rakkoo qabaatee osoo hin taane mormitoonni yaalii fonqolacha mootummaa raawwachuu fedhu jechuun mormitoota qeequ.

Mooraales mormitoonni lubbuu fi qabeenya irra miidhaa geessisuu irraa  akka of qusataniif waamicha dhiiyyeesaa turaniiru.

Lammilee mormii dhiyyeessuuf addababaayitti bahan keessaa namoonni sadii akka du’an ibsamera.

Hoogganaan Raayyaa ittiisa biyyaatti mormii dhiyaatee tasgabbeessuuf Preezdaanti Evoo Mooraales aangoo gadii lakkiisuu furmaata jedhan. Preezdaantichi tasgabbii fi nageenya biyyatti deebisuuf aangoo gadi dhiisuu isaanii ummata biyya isaaf himaniiru.

Aangoo gadi dhiisuu isaaniin poolisiin biyyattii seeran ala too’annoo jala isaan oolchuuf socha’aa jiraachuu fi mormitoonni ammoo mana jireenyaa isaanii irratti haleellaa raawwachuu dubatamaa jira.

Evoo Mooraales fedhii yoo qabataan Meeksiikoon hirkatummaa laachuuf akka jiru himameera.

Obsee Waaqgaaritiin

Maddi:- Rowuteers

 

Comments
Loading...