Fana: At a Speed of Life!

Mariin Haala walitti bu’iinsa hiikuun danda’amu irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

0 364

Finfinnee, Sadaasa 1,2012(FBC) – Mariin Haala walitti bu’iinsa hiikuun danda’amu irratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Leenjiin kunis mootummaan Jaappaan dhaabbilee Ityoophiyaatti nageenya kabachiisanii fi Sagantaa Misoomaa Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uu kan qopheessaniidha.

Ityoophiyaa dabalatee hirmaattoonni biyyoota Afrikaa 12 irraa walitti dhufan itti hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, leenjichi guyyoota 10’niif kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaatti Ambaassaddarri Jaappaan Daaysuukee Maatisuunaagaan, leenjichi rakkoo nageenya Afrikaa furuuf kan kaayyeeffateedha jedhan.

Leenjitoonni beekkumsaa fi dandeettii argatan qaama biroof qooduu akka qaban kan ibsan Ambaasaaddarichi karoora rakkoo damee nageenyaa fi bulchiinsaa furuuf taasiifamu galmaan gahuu qaban jedhan.

Leenjichi walitti bu’uunsa waliin too’achuu fi hiikuun haala danda’amu irratti ta’uu ragaan Embaasii Jaappaanii argame ni agarsiisa.

Comments
Loading...