Fana: At a Speed of Life!

Iiraan gaazii hin calalaamne barmeela biiliyoona 53 argachuu beeksiifte

0 550

Finfinnee, Sadaasa 1, 2012 (FBC) – Iiraan gaazii hin calalaamne barmeela biiliyoona 53 argachuu Preezdaanti Hasaan Ruhaanii beeksisaan.

Preezdaanti Ruhaaniin Kibba Lixa biyyatti bulchiinsa Kuzistaanitti kan argame gaazii hin calalamiin kun skuweer kiiloo meetra kuma 2 fi 400 kan uwwisedha jedhaniiru.

Iiraan qophii Ameerikaan irra keesseen gaazii gara alaatti ergitee gurgurachuuf ni rakkatti.

Gaazii hin calalamiin kun gad fageenya meetra 80 kan qabu yoo ta’u, Ameerikaan gaazii Iiraan irra qoqqobbi yoo keessullee injiinaroota biyya isheetiin gaazii hin calalamne barmeela biiliyoona 53 argateetti; argannoo kana waayiti haawusiif himuun barbaada jedhaniiru jechuun miidiyaan Faarsi gabaaseera.

Iiraan biyyoota addunyaarra gaazii oomishaan keessa ishee tokkodha; gurgurtaa gaaziirraa galiin waggaa ishee doolaara biiliyoonatti tilmaama.

Preezdaanti Ruhaaniin gaazii hin calalaamne yeroo ammaa kana biyyatti kuufattee qabdu barmeela biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 50 akka ta’e himaniiru; kun ammoo addunyaarra sadarkaa 4ffaadha.

Maddi:- BBC

 

Comments
Loading...