Fana: At a Speed of Life!

Bu’aan qoraannoo sagantaa ekisteenshinii Fayyaa irratti taasiifame ifoome

0 92

Finfinnee, Sadaasa 1,2012(FBC) – Ministirri Fayyaa waggaa 14 dura hojiirra oolchuu kan eegale bu’aa qoraannoo sagantaa ekisteenshinii Fayyaa irratti taasise ifoomse.

Bu’aan qorannoo kun sagantaan Ekisteenshinii fayyaa dhimmoota cimsee itti fufuu qabuu fi kanneen kutaa sagantichaa keessaa bahuu qaban irratti kan xiyyeeffateedha.

Haaluma kanaan wantoota fooyya’uun barbaachisanii fi saganticharratti dabalamuu qaban ilaachisee kallattiin kaa’amuu Ministirri Fayyaa Dooktar Amiir Amaan beeksisaniiru.

Qorannichi kan hojjetame gama gorsitoota Markiin yoo ta’u deeggarsa Faawundeeshinii Biil Endi Miileendaa Geetis fi Inititiyuutii Internaashinaan For Piraaymarii Heelz Keer jedhamuun ta’uu ragaan fuula feesbuukii ministirichaa argame ni muul’isa.

Comments
Loading...