Fana: At a Speed of Life!

Baangilaadeeshitti Obomboleetti ciimaa mudateen lubbuun namoota 6 darbe

0 233

Finfinnee, Sadaasa 1, 2012 (FBC) – Baangilaadeeshitti Obomboleetti ciimaa mudateen lubbuun namoota 6 darbuun himame.

Obomboleettiin kun Bulbul kan  jedhamu yoo ta’u, namoota qurxummii kiyyeessaan  36 achi butee isaanii dhabamsiiseera..

Haaluma wal fakkatuun namoota 30 irra miidhaa cimaan geessisuun,qabeenyi lammiilee  kuma 6 ol ta’an ammoo guutumatti barbadaa’era jedhame.

Sababa balaa kanaan lammiileen biyyatti  miiliyoona 2 ol ta’an qa’ee fi qabeenyaa isaaniirra buqqa’aniiru.

Ombomboleettiin kun sa’aatiitti i kiiloo meetira 100 hanga 120 akka bubbisu ibsame.

Galaana Beengaalitti baatii Muddee hanga Gurrandhaalatti walitti fufiinsaan obomboleessi ni uumama.

Bara faranjoota 1999 ombomboleessa cimaa mudateen  namootni kuma 10 du’uun vni dubbatama.

Maddi:- Rooyteers

Comments
Loading...