Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Sudaan, Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraan barnoota eegaluufi

0 285
Finfinnee, Onkololeessa 29, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Sudaan tokko Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraan barnoota eegaluufi.
 
Yuunvarsiitiin Meetroopooliitaan Kootabee ammoo afaan Arabaa barsiisuu eegaluufi.
 
Yuunvarsiitiin Sudaan Kaartuumitti argamu; “Intarnaashinaal Yuunvarsiitii oof Afrikaa” Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraan barsiisuu eegaluufi.
 
Barnoonni laatamus sadarkaa digrii jalqabaatini jedhameera.
 
Akka gabaasa Dhaabbata Preesii Ityoophiyaatti Yuunvarsiitiin Meetroopooliitaanii Kootabee ammoo Afaan Arabaatin digrii jalqabaa barsiisuu ni eegala.
 
Jilli Ityoophiyaa dhimmicharratti mari’achuuf gara Sudaan imaleera.
 
Marichaanis afaanota kanneenin barnoota laachuuf waliigalameera.
Comments
Loading...