Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Braaziil duraanii; Luulaa Daa Siilvaan hiikaman

0 143
Finfinnee, Onkololeessa 29, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Braaziil duraanii; Luulaa Daa Siilvaan hiikaman.
 
Luulaa Daa Siilvaan hidhaadhaa kan hiikaman, Manni Murtii Olaanaa Braaziil adeemsa sirreeffamtoonni ittiin hidhamanirratti sirreeffama taasisuu isaatini.
 
Manni murtichaa preezdaantiin duraanii Luulaa Daa Siilvaan kaleessa waaree booda akka hiikaman murteessera.
 
Lammiileen Braaziil hedduunis magaalaa Luulaa Daa Siilvaan itti hidhamanii turan Kuurtiibaatti argamuun deeggarsa isaanii muul’isaniifiru.
 
Luulaa Daa Siilvaan malaammaltummaan shakkamanii hidhamuun isaanii ni yaadatama.
 
Maddi; CGTN
Comments
Loading...