Fana: At a Speed of Life!

Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa nageenya Sudaan Kibbaarratti mari’achaa jiru

0 185
Finfinnee, Onkololeessa 29, 2012 (FBC) – Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa nageenya Sudaan Kibbaarratti mari’achaa jiru.
 
Ministiroonni biyyoota miseensa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa, qaamolee waliigaltee nageenyaa Sudaan Kibbaa mallatteessan waliin Finfinneetti mari’achaa jiru.
 
Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Hiiruut Zammanaan kaayyoon walga’ichaa, Sadaasa bara Faranjootaa 2019 mootummaa cee’umsaa Sudaan Kibbaa hundeessuuf yaada waliigaltoonni dhiyeessan ilaaluurratti xiyyeeffatudha jedhaniiru.
 
Yuugaandaa Inteebeetti mariisiftummaa preezdaant Yuweerii Museveenii fi preezdaantii Mana Maree Sudaan Abdul Fattaah Albuurhaanin, preezdaant Saalvaa Kiirii fi Dooktar Riik Maachaar yeroo cee’umsaa guyyootii dabalataa 100n dheeressuuf waliigaluun jajjabeessadha jedhan.
 
Waliigalteen irra ga’ame qaama mootummaatinis ta’e, mormitootan kabajamuun barbaachisaa ta’uu aadde Hiiruut kaasaniiru.
 
Ulaagaaleen cee’umsaaf barbaachisan guutamuu dhabuu fi daangaan bulchiinsa naannolee kaa’amuu dhabuunis akka qaawwaatti ka’aniiru.
 
Walga’iin har’a eegalame waltajjii ministiroota Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa booru taa’amuun xumurama.
Comments
Loading...