Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaan Waashiingitan, Muuriyal Boowsar Finfinnee jiru

0 113

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2012 (FBC) – Kantiibaan magaalaa Waashiingitan Diisii Muuriyal Boowsar Finfinnee galaniiru.

Kantiibaa Muuriyal Boowsar Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee yammuu ga’an, itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa, hoggansi magaalichaa fi federaalaa simannaa taasisaniifiru.

Kantiibittii waliin hawaasti daldalaa 50 caalu Finfinnee dhufuu isaanii Waajjira Kantiibaarraa odeeffanneerra.

Muuriyal Boowsar daawwiif Finfinnee kan dhufan, itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman wayita Waashiingitan daawwatanitti affeerraa taasisaniifini.

Kantiibittiin turmaata isaanitiin bakkeewwan addaddaa ni daawwatu.

Waliigalteen obbolummaa Waashiingitanii fi Finfinnee cimsus ni mallatteeffamaan eegama.

Comments
Loading...