Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen naannoo Beenishaanguul Guumz walga’iisaa gaggeesse

0 241
Finfinnee, Onkololeessa 29, 2012 (FBC) – Manni Maree Mootummaa (kaabinee) Naannoo Beenishaanguul Guumz walga’ii ariifachiisaa har’a gaggeessen murtoowwan addaddaa dabarse.
 
Kaabineen naannichaa wixinee dambii bulchiinsa galii gibiraa fi taaksii, gaaffii invastimantii lafa magaalaarratti mari’atee kallattii kaa’era.
 
Sassaabbiin galii gibiraa fi taaksii seera eeggatee akka gaggeeffamu, invastimantiin lafa magaalaas akkaataa waliigalteen akka raawwatamu ta’uu baannan tarkaanfiin akka fudhatamu kallattii kaa’uun raggaasiseera.
 
Dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa ulaagaa gaaffii invastimantii guutanii dhiyaatan eeyyamni akka kennamuuf murteessera.
Comments
Loading...