Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa siidaa Abiishee Garbaaf Finfinneetti mariin gaggeeffame

0 132
Finfinnee, Onkololeessa 29, 2012 (FBC) – Siidaa Abiishee Garbaa magaalaa Shaambuutti ijaarramuuf Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti mariin gaggeeffame.
 
Waltajjiin marichaa ijaarsa siidichaa fi misooma godina Horroo Guduruu Wallaggaarratti kan xiyyeeffatedha.
 
Siidaa Abiishee Garbaa magaalaa Shaambuutti ijaarramuuf qophiin taasifamaa jira.
 
Siidichi qaama proojaktii Abiishee Garbaa Koompileeksiti.
 
Siidaan Abiishee Garbaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti kan ijaarramu yammuu ta’u, ijaarsasaaf Onkololeessa 22,2012 caalbaasiin ifatti banamuun ni yaadatama.
 
Siidaa gootichaa ijaaruuf dhaabbanni Ijaarsaa Lammii Beenyaa caalbaasicha injifateera.
 
Siidichi hirmaannaa ummataa Birrii miiliyoona 5.2 ijaarrama jedhameera.
 
Proojaktiin Abiishee Garbaa Koompileeks mana barnootaa bultii addaa, kiliniika, gidduu gala aadaa fi galma walga’ii of keessaa kan qabu ta’uu Waajjirri Aadaa fi Tuuriizimii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa beeksiseera.
Comments
Loading...