Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti barattoonni kumni 39 ol Afaan Oromootin barnoota isaanii hordofaa jiru

0 99

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2012 (FBC) – Finfinneetti barattoonni kumni 39 ol Afaan Oromootin barnoota isaanii hordofaa jiru.

Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee akka beeksisetti, barattoonni kumni 39 ol barana barnoota isaanii Afaan Oromootin hordofaa jiru.

Barattoonni 39,365 kutaalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee addaddaatti afaanichaan barachaa jiru.

Biirichatti qindeessaan barnoota Afaan Oromoo obbo Abiyyuu Bayyanaan akka beeksisanitti, waggoottan sadan darban barnoonni afaan Oromoo manneen barnootaa muraasa qofatti laatamaa tureera.

Waggaa darbee kaasee garuu babal’isuuf hojjetama atureera jedhan.

Amma ammaattis manneen barnootaa bulchiinsa magaalichaa keessatti argaman 126 keessatti barattoonni kumni 39 ol barnoota isaanii Afaan Oromootin hordofaa jiru.

Comments
Loading...