Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Mawliidaa kabajame

0 121

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2012 (FBC) – Ayyaanni dhalootaa Nabii Mahaammad; Mawliidni 1494ffaan sagantaalee addaddaan guutuu biyyaatti kabajamee oole.

Preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Muuftii Hajii Umar Indiriis hawaasni Muusliimaa ayyaanicha yammuu kabaju, walii yaadaa, kan rakkatan gargaaraa, tokkummaa fi nagayaaf kadhachuun akka ta’u yaadachiisaniiru.

Ayyaanichi yoo kabajamu, barsiisa Nabii Mahaammad hojiirra oolchuun akka ta’us dhaamaniiru.

Ayyaanichi Masjiida Anwaar Guddicha magaalaa Finfinneetti bakka preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Muuftii Hajii Umar Indiriisii fi hordoftoonni amantaa Islaamaa argamanitti kabajameera.

Hordoftoonni amantaa Islaamaa biyyattii keessa jiran bakkeewwan addaddaatti walitti qabamuun ayyaanicha kabajaniiru.

Comments
Loading...