Fana: At a Speed of Life!

Atleet Leellisaa Deessisaan, badhaasa maaraatoonii 2019 injifate

0 266
Finfinnee, Onkololeessa 29, 2012 (FBC) – Atleetonni Ityoophiyaa fi Keeniyaa badhaasa maaraatoonii bara Faranjootaa 2019 injifatan.
 
Atleetiin Ityoophiyaa Leellisaa Deessisaa fi atleetiin Keeniyaa Ruut Cheepeengeetiich fiigicha maaraatooniin badhaasa atleetota ciccimoo waggichaa mo’ataniiru.
 
Atleetonni lamaan badhaasa Waldaan Maaraatoonii Idil Addunyaa fi Dorgommii Fiigicha Fagoo (AIMS) qopheesse maaraatoonidhaan injifataniiru.
 
Atleetonni lamaan sirna kaleessa Griik Ateensitti gaggeeffamerratti damichaan filatamuun ibsameera.
 
Badhaasni kun si’a 7ffaaf kan laatame yammuu ta’u, atleetonni lamaan baatiiwwan 12n darbanitti cimina agarsiisaniin filatamaniiru.
 
Maddi; IAAF
Comments
Loading...