Fana: At a Speed of Life!

Wiirtuun Yaalaa Yuunvarsiitii Baahir Daaritti ijaarrame ebbifame

0 120
Finfinnee, Onkololeessa 28,2012(FBC) – Wiirtuun Yaalaa Yuunvarsiitii Baahir Daaritti ijaarrame ebbifame.
 
Wiirtuun yaalaa kun sadarkaa biyyaatti lammafaa yoo ta’u, kaleessa ifatti ebbifamee tajaajilaaf banaa ta’eera.
 
Wiirtichi barnoota wallaansa anisteezhiyaa yaadrimeen kennamaa ture, qabatamaan akka laatamu taasisa.
 
Wallaansichi ashaangulliitota amala namaa qabaniin deeggaramuun kennama.
 
Wiirtuun wallaansaa kun dhaabbata Iimpaakt Afrikaa jedhamuun Yuunvarsiitii Maqalkeetti aansee Ityoophiyaatti kan hundaa’edha.
 
Ijaarsasaatif Birriin miiliyoonni 4 ol baasii itti ta’eera.
 
Yuunvarsiitiin Baahir Daar bara darbe barattoota kenna yaala anisteezhiyaa 15 ebbisiisera.
 
Baranammoo barattoota 60 ol barsiisaa jiraachuu ragaan yuunvarsiiticharraa arganne ni muul’isa.
Comments
Loading...