Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Geejjibaa  FDRI fi Beeljiyeemitti giddugala qorannoo geejjibaa Yuunvaarsiitii Hasleet waliigaltee mallatteessan

0 126

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2012 (FBC) – Ministeerri Geejjibaa  FDRI fi Beeljiyeemitti giddugala qorannoo geejjibaa Yuunvaarsiitii Hasleet waliin qindoominaan Hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Ministirri Deettaa Ministeera geejjibaa aadde hiywoot Moosisaa waliigalticha Ityoophiyaa bakka bu’uun  kan mallatteessaniiru.

Muuxannoo wal jijjiiruu fi barnootni ijaarsa dandeetti qamaa waliigaltee kanaati jedhameera.

Kanumaan walqabatee Ityoophiyaarra carraa barnoota geejjiba waliin walqabatu namoota 11f kennamee barnoota irratti akka argaman ni yaadatama.

Comments
Loading...