Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ambaasaaddar Burtukaaniin durfamu Israa’eel daawwachaa jira

0 140
Finfinnee, Onkololeessa 28, 2012 (FBC) – Jilli Ministiri Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon durfamu Onkololeessa 27, 2012 eegalee Israa’eel daawwachaa jira.
 
Kaayyoon daawwanichaa Israa’elitti qabeenya mootummaa Ityoophiyaa kan ta’anii fi gamoowwaan ministeera dhimma alaan hogganaman waan isaan irratti argaman gamaaggamuu, akka haaromfamanii fi biyyaaf faayida akka argamsiisaniif haala mijeessuuf jedhame.
 
Israa’elitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Rattaan faayidaa gamoowwaan kanaa fi haalli manneen kun irratti argamaan jila kanaaf ibsaniiru.
 
Jilli kun turtii isaaniitiin Ministira Dhimma Alaa Israa’elii fi Daayreekteera Itti aanaa hogganaa Humna Namaa Ambaasaaddar Haagaay Beehaar fi Ooreen Anooliik waliin mari’ataniiru.
Comments
Loading...