Fana: At a Speed of Life!

Hojii raawwachiisaan olaanaan Twuterii Ityoophiyaa daawwaachuuf

0 167

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2012 (FBC) – Hundeessaa fi hojii raawwachiisa olaanaan Twuteerii Jaak Doorseey Ityoopphiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 4 baatii Sadaasaa akka daawwatan himaniiru.

Daawwaana isaaniin Naayjeeriiyaadha kan eegalan yoo ta’u, itti aansuun Ityoophiyaa, Gaanaa fi Afrikaa kibbaa imaluun hojii uumtoota waliin akka mar’atan ibsaniiru.

Dargaggoota Lammii Ityoophiyaa teeknooloojiin hojii uumaan Beetaliheem Dassee, Noo’el Daani’eelii fi Geetnaat Asaffaa waliin bal’inaan akka mari’atan Jaak Doorseey ibsaniiru.

 

 

Comments
Loading...