Fana: At a Speed of Life!

Faransaay baqattoota 1600 bakka qubannaa yeroo keessaa baafte

0 206
Finfinnee, Onkololeessa 28, 2012 (FBC) – Poolisiin Faransaay Kaaba Paarisitti kan argamu bakka qubannaa baqattoota lama keessaa baqattoota 1600 baase.
 
Baqattoonni hedduun sahaaraadha gaditti kan argaman biyyoota Afrikaa fi Afgaanistaan irraa kan dhufan ta’uun himameera.
 
Baqattoonni iddoo maratti bakka qubannaa akka hin hojjenneef namoota kuma 16 qabachuu kan danda’u bakka qubannaa baqattootaa haaraa 3 akka hundeessan ministirin Dhimma Alaa Faransaay kiristoofer Kaastinaar beeksisaniiru.
 
Baqattoonni koluu galtummaa gaafatanii fi koluu galtummaa gaafatanii kan dhorkaman dhimmi isaanii dhiyeenyatti akka ilaalamuus himaniiru.
 
Biyyoonni Awuurooppaa hedduun imaammata baqattoota cimsaa kan dhufa yoo ta’u, Faransaay illee tarkaanfii walfakkaata akka fudhattuuf dhiibbaan ta’eera.
 
Faransaay lakkoofsa hojjettoota biyyoota Awuurooppaa ala dhufan akka daangessitu Roobii darbe ifoomsiteetti.
 
Biyyatti keesssa jiraachuuf eeyyama kan hin qabne tajaajila fayyaa akka hin arganne ibsaniiru.
 
Kaaba Baha Paarisitti kan argamu bakkeen qubannaa yeroo akka diigamu ifoomeera.
 
Maddi:- BBC
Comments
Loading...