Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Muslimoota Ityoophiyaa maraan erga baga geessanii dabarsan

0 316

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2012 (FBC) – Muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad ayyaana dhaloota Nabiyyuu Mahaammadiin ilaalchisuun Muslimoota Ityoophiyaa maraan erga baga geessanii dabarsan.

Bagaa ayyaana Nabiyyuu Mahaammad 1495ffaa nagaan geessaan jedhaniiru.

Ayyaanni Nabiyyuu Mahaammad (moolida) ayyaana qalmaa jedhamuun beekkama.

Nabiyyuu Mahaammad addunyaan waanta 4 irratti hirkattee akka jiraattu himaniiru; isaanis barnoota oogummaa, haqa nama guddaa, kadhata nama gaarii fi nama cimaadha.

Dhimmoonni arfaan kun nageenyaa fi guddina biyya keenyaa, tokkumaa fi jaalalli hawaasaa yeroo kana barbaachisoodha.

Barnoonni oogummaa hawaasni dhugaa fi beekumsa irratti akka hundaa’uu taasisa.

Haqni gosummaa fi faayidaa, aangoo fi kabaja otuu hin ta’iin seeraa fi sammuu irraa kan maddu nama guddaa barbaachisa.

Kanaaf Nabiyyuun “ namni guddaan haqa” kan jedhaniif; nama guddaa jechuun seeraa fi sammuu isaa qofaaf kan ajajamu jechuudha.

Namni guddaan seeraa qofaaf bitama, dhugaaf dhaabata, qulqulummaan jiraata, nama amanamadha.

Kanaaf har’a nama hawaasaaf haqa mirkaneessu nu barbaachisa.

Biyya kanaaf kadhata qofaa otuu hin taane kadhata nama qulqulluu barbaachisa.

Kadhata qulqullummaan dhiyaatu, kadhata sanyummaa fi badii irraa bilisa ta’e har’a nu barbaachisa.

Waqtiin kun dhugaa qofaaf yeroo dhaabatedha; aarsaan dhugaan fide fudhannee dhugaaf qofaaf kan hojjeennu fi kan dubbanudha.

Ayyaana moolidaa gaarii!
Uumaan Ityoophiyaa fi Ummata ishee haa eebbisu!

Comments
Loading...