Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan qorannoo teeknooloojii 6G adeemsisuu eegalte

0 181

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2012 (FBC) – Chaayinaan teeknooloojii dhaloota ja’affaa (6G) jedhamuu irratti qorannoo taasisuu eegaluu ishee beeksifte.

Ministirrin Ministera Teeknoolojii fi saayinsi Chaayina ibsa lateen, teeknooloojii dhaloota ja’affaa (6G) kana qorannoon kan adeemsisu gareen qorattootaa lama dhabbachuu beeksisera.

Qoraannoo teeknooloojii 6G kana haala ammayyaatiin misoomsuun hojiirra oolchuuf akka danda’amu xiyyeeffannoo addaan ni hojjetama jedhame.

Chaayinaan teeknooloojii 5G biyyoota hunda dura akka hojiidhaan agarsiistee ragaan ni muul’isa.

Teeknooloojii 5G, teeknoolooji 4G waliin wal bira qabamee yoo ilaallamu odeeffannoo ariitiin qaqqaabsiisuuf % 100 ni caalaa jedhame .

Qorannoo teeknooloojii 6G Chaayinaan geeggeessaa jirtu kun ammoo waan haaraa qabatee akka dhufu ni eeggama.

Maddi:- BBC

Comments
Loading...