Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Finfinnee Afrikaarraa, sadarkaa 10ffaa argate

0 165
Finfinnee, Onkololeessa 27, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Finfinnee yuunvarsiitota ciccimoo Afrikaa keessaa, sadarkaa 10ffaa argate.
 
Yuunvarsiitiin Finfinnee bara Atsee Haaylasillaasee 1950 kan hundaa’e yammuu ta’u, simannaa barattootaasaa 33 irraa kaasuun 50,000tti guddisuusaa ibsa har’a laaten beeksiseera.
 
Sadarkaa 10ffaa kan argates hojiilee fooyyessaa, cee’umsa teeknooloojii, qorannoo fi qo’annoon bu’aa buusen ta’uu preezdaantiin yuunvarsiitichaa Proofeesar Xaasaw Waldahaannaa ibsaniiru.
 
Yuunvarsiitiin Finfinnee amma kaampaasota 13, koollejjoota 10, inistiitiyuutii teeknooloojii 2, inistiitiyuutii qorannaa 12 fi hoospitaalota barnootaa fi wallaansaa 2 (kan beelladootaa fi namaa) qabaachuun hojjechaa jira.
 
Gosoota barnootaa 73 digrii jalqabaatin, barnoota ebbaan boodaa 345, sagantaa qorannaa fi qo’annaa dooktareetii 90 itrratti hojjecha ajira.
 
Bara Faranjootaa 2014 Afrikaarraa sadarkaa 18ffaa, 2015 16ffaa, bara 2019 baranammoo sadarkaa 10ffaa argateera.
Comments
Loading...