Fana: At a Speed of Life!

Shamarreen baatii lamaaf hirriibaa osoo hin damaqne turte

0 8,585

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2012 (FBC) – Shamarree umurii 17 lammii kolombiyaa hirribni si’a tokko yoo ishee fudhate hanga baatii lamaatti hirribaa kan hin damaqne ta’uun dhagahame.

Shamarreen Shaarik Toovaar jedhamtu jiraattu magaalaa Akaashiyaa kan taate saaxilamtu dhukkuba “kaleeyn leviin” jedhamuuti.

Mallaattoon dhukkuba kana yeroo isheen daa’ima waggaa lamaa turte kan muul’ate irratti ta’uu haatii ishee ni dubbatan.

Dhibeen kun namoota irratti mul’achuuf carraa xiqqaa kan qabu yoo ta’u, hanga ammaatti addunyaarraa namoonni dhibee kanaan qabamaan 40 akka hin caallee ragaan ni mul’isa.

Haatii Shaarik Tovaar baatii Waxabajjii darbe hirribni ishee fudhatee guyyoota 48 walitti aansuu erga raftee booddee waa yaadachuu dadhabde turte, ati eenyu jetteetti na gaafate jedhan.

Maddi:- www.dailymail.co.uk

Comments
Loading...