Fana: At a Speed of Life!

Maqaan Maartii Luuter Kiing daandiirra akka ka’u godhame

0 202

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2012 (FBC) – Jiraattonni magaalaa Kaansaas maqaa falmaa mirga namooma guraachaan akka waamamu erga taasifamee moggaasichi daandiirra akka ka’u godhameera.

Daandichi maqaa Maartii Luuter Kiing kan moggaafame baatii tokko dura yoo ta’u, filannoo jiraattoonni magaalicha taasisaniin maqichi akka ka’uuf sagalee laataniiru.

Daandiin kiiloo meetraa 16 dheeratu “Ze Paaseewaa” jedhamuun beekkamu, naannoo gurrachoonni lammii Ameerikaa jiraatan irraatti kan diriiredha.

Akka addunyaatti daandiiwwaan kuma 1ta’an maqaa Maartii Luuter Kiing akka waamaman ni amanama. Daandiiwwaan 955 ammoo Yuunaayitid Steet keessatti argamu.

Kaansaas magaaloota gurguddoo Ameerikaa keessa daandii maqaa Dooktar Kiing kan hin qabne ta’uun magaalaa addaa ta’uuf jetti.

Magaalattiitti guraachoonni Ameerikaa baay’atanis daandichi jalqaba maqaa Ze Paaseewaa mogga’e gara Maartii Luuter Kiingitti adeemsi itti jijjiirame sirrii hin turre jedhu

Jiraattoonni magaalaa Kaansaas maqaan Maartii Luuter Kiing daandicha irraa akka ka’u ni filatu jedhamee yaadamu baatus %70 moggaasichi akka ka’uuf sagalee laataniiru.

Maddi:- BBC

Comments
Loading...